💬💬💬
1) Seera kana bu‘uura kwt.69(2) yookan 70(d) jalatti tumameen,himannaan tokko cufameera
yoo ta‘e,himataan kaffaltii abbaa seerummaa kaffaluudhan galmee deebisee bansiisuun
dhimmicha akka itti fufu gochuu irraa isa hin dhorku.
(💬Kwt 69/2/ .Gareewwan walfalmitootaa bitaa mirgaan guyyaa beellamaatti osoo hin dhiyaatin kan hafan
yoo ta‘e, manni murtii galmicha ni cufa. Akkasumas falmichi kan dhiyaate ol‘iyyannoodhan
yoo ta‘e galmee ol‘iyyannoo ni haqa jedha.
kwt 70/d/n immoo Falmii dhaga‘uuf guyyaa beellamametti himataan dhiyaatee himatamaan kan hin dhiyaanne yoo
ta‘e, dhimmicha irratti murtoon kennamu adeemsa kanatti aanee jiruun ta‘a jedheetu keewwata xiqqaa ‘D’ jalatti :💬Himatamaa tokko yookan tokkoo ol ta‘aniif waamichi ergamee himatamaa yookan
himatamtoota kamiyyuu kan hin qaqqabne maal na dhibdeedhan yookan hanqina
himataatin ta‘uu isaa manni murtii yoo hubate, himatamaa yookan himatamtoota
waamichi hin qaqqabne irratti himannaa dhiyaate cufuudhan gaggeessuu yookan
barbaachisaa ta‘ee yoo itti mul‘ates guyyaa dhaga‘a falmii beellama biraatti ni jijjiira.
Dhimmichi ol‘iyyannoo yoo ta‘e ol‘iyyannicha haquu ni danda‘a. Ta‘us,osoo waamichi
hin qaqqabin himatamaan yookan deebii kennaan matuma isaatiin yookan bakka bu‘aan
isaa guyyaa dhimmichi dhaga‘amutti mana murtiitti yoo argame dhaddacharratti
dhiyaatee akka falmii taasisu ajajamuu ni danda‘a. Kuni yoo ta‘e waamichi kennamuu
dhabuudhan galmeen hin cufamu yookan hin haqamu jedha.
2) Himataan guyyaa beellama qabametti osoo hin dhiyaatin kan hafe sababa gahaa ta‘een ta‘uu
isaa kan hubachiise yoo ta‘e,manni murtiis kanuma fudhachuun kaffaltii abbaa seerummaa
osoo hin kaffalchiisin galmee deebisee saaqqatee akka itti fufu eeyyamuufii ni danda‘a.
Himannaa cufuun bu‘aa hordofsiisu (Effect of dismissing of suit ) Kwt 74 SDFHH
💬💬💬
1) Seera kana bu‘uura kwt.73tin himannaan guutummaatti yookan gartokkeen haqamee yookan
bu‘uura kwt.69(2),70(d) yookan kwt.73tin galmeen ol‘iyyannoo erga haqameen booda
himataan himannaa duraaf yookan ol‘iyyataan ol‘iyyannoof dhimma ka‘uumsa ta‘e bu‘uura
godhachuudhan himannaa haaraa dhiyeessuu hin danda‘u.
(Kwt 73 Dhimma tokkoon namni himannaa dhiyeesse tokko falmii dhaga‘uuf guyyaa beellamametti osoo
hin dhiyaatin yoo hafe,himatamaan dhiyaatee dhimma ittiin himatame hunduma isaa yookan
gariin isaa kan amane yoo ta‘e,himataan bakka hin jirrettis yoo ta‘e manni murtichaa
guutummaan yookan gariin himatamaan waan amane irratti murtii kennuu ni danda‘a.
Himatamaan yoo haale yookan amanuu baate garuu galmee haquudhan ni gaggeessa jedha )
2) Keewwata kana cita xiqqaa (1) jalatti tumaan tumame galmeen cufamee yeroo ji‘a 1(tokko)
keessatti banamee dhimmichi akka ilaalamuuf himataan mirga gaafachuu jalaa hin hambisu.
Himataan beellama darbetti osoo hin dhiyaatin kan hafe sababa gahaa ta‘ee tilmaamamuun
ta‘uusaa manni murtii yoo hubate kisaaraa fi baasii kamiiyyuu kaffaluu qaba jedhee itti
mul‘ate erga itti mureen booda galmeen cufamee ture deebi‘ee saaqamee dhimmichi akka itti
fufu ajaja kennee beellama dhaga‘aa murteessa.
3) Keewwata kana cita xiqqaa (1)jalatti bu‘uura dubbatameen ajajni kan kennamu iyyatni
himataan dhiyeesse deebii kennaa erga qaqqabeen booda ta‘a.