Haala Waliin Dhahameen Daldala Gabaa AksiyoonaaAdeemsisuun hagam yakkaan nama adabsiisa?

Namni kamiyyuu sababa gabaa aksiyoonaan yookiin gabaa biroon aksiyoona
yookiin gatii gabaa aksiyoonaa ilaalchisee daldalli aksiyoonota ummataa akka jiru
kan fakkeessu haala sobaa yookiin dogoggorsaa uumuuf yaaduun:
(a) daldala aksiyoonaa abbummaa aksiyoonaa irratti jijjiirama fayyadu kamiyyuu
kan hin finne kan adeemsise yoo ta’e; yookiin
(b) walitti dhiheenya hammaa, yeroofi gatiin aksiyoonotaa gaafataman nama
sanaan yookiin nama biroon akka bitaman yookiin namuma sanaaf yookiin
nama biroof gaaffiin bittaa akka dhihaate yookiin akka dhihaatu osoo beekuu
aksiyoonota sana bituuf gaaffii kan dhiheesse yoo ta’e; yookiin
(c) walitti dhiheenya hammaa, yeroofi gatii aksiyoonotaa gaafataman namuma
sanaan yookiin nama biroon akka gurguraman yookiin namuma sanaaf yookiin
nama biroof gaaffiin gurgurtaa akka dhihaate yookiin akka dhihaatu osoo
beekuu aksiyoonota sana gurguruuf gaaffii kan dhiheesse yoo ta’e;
  
hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen ni adabama.
(Seera yakkaa kwt 694)

Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *